-
Iyyaasuu 7:16-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Kanaafuu, Iyyaasuun guyyaa itti aanutti bariidhaan kaʼee Israaʼel gosa gosaan akka dhihaatu ni godhe; achiis gosti Yihudaa ni filatame. 17 Innis maatiiwwan Yihudaa akka dhihaatan ni godhe; achiis maatiin Zeeraatotaa+ ni filatame, sana booda maatiin Zeeraatotaa dhuunfaa dhuunfaatti akka dhihaatan ni godhe, achiis Zaabdiin ni filatame. 18 Dhuma irrattis maatiin Zaabdii dhuunfaa dhuunfaatti akka dhihaatan ni godhe; achiis Akaan ilmi Kaarmii, ilmi Zaabdii, ilmi Zeeraa inni gosa Yihudaa keessaa tokko taʼe ni filatame.+
-