-
1 Saamuʼel 10:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Yeroo kanatti Saamuʼel namoota sana hundumaatiin, “Nama Yihowaan filate kana ni argituu?+ Namoota kana hunda keessaa kan akka isaa hin jiru” jedhe. Namoonni sun hundis, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhanii iyyuu jalqaban.
-
-
1 Saamuʼel 11:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Sana booda Saamuʼel namoota sanaan, “Kottaa gara Gilgaal+ dhaqnee Saaʼol mootii taʼuu isaa irra deebinee labsina” jedhe.+ 15 Kanaafuu, namoonni sun hundi gara Gilgaal dhaqanii, achitti Yihowaa duratti Saaʼoliin mootii godhan. Achittis Yihowaa duratti aarsaawwan gamtaa ni dhiheessan;+ Saaʼolii fi namoonni Israaʼel hundis baayʼee gammadan.+
-