18 Tajaajiltoota sana keessaa tokko, “Kunoo, ani ilmi Issey isa nama Beetaliheem taʼee akka gaariitti baganaa akka taphatu argeera; kana malees, inni onnataa fi loltuu jabaa dha.+ Inni akka gaariitti dubbachuu dandaʼa; bifti isaa miidhagaa dha;+ Yihowaanis isaa wajjin jira”+ jedhe.