LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 20:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Ati ana tajaajilaa kee wajjin Yihowaa duratti kakuu waan galteef,+ ana tajaajilaa keetti jaalala amanamaa argisiisi.+ Balleessaa yoon qabaadhe+ garuu atumti na ajjeesi. Maaliif dabarsitee abbaa keetti na kennita?”

  • 1 Saamuʼel 20:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Yonaataanis Daawitiin, “‘Yihowaan bara baraaf anaa fi si gidduu, sanyii kee fi sanyii koo gidduu haa taʼu’+ jennee maqaa Yihowaatiin waan waliif kakanneef,+ nagaadhaan deemi” jedhe.

      Achiis Daawit kaʼee ni deeme; Yonaataanis gara magaalattiitti deebiʼe.

  • 1 Saamuʼel 23:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Achiis lamaan isaanii Yihowaa duratti kakuu waliif ni galan;+ sana booda Daawit Hooresh keessatti hafe; Yonaataan immoo gara mana isaatti qajeele.

  • 2 Saamuʼel 9:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Achiis Daawit, “Namni mana Saaʼol keessaa hafee fi ani Yonaataaniif jedhee jaalala amanamaa itti argisiisuu dandaʼu jiraa laata?” jedhe.+

  • 2 Saamuʼel 21:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Haa taʼu malee, kakaa Daawitii fi Yonaataan ilma Saaʼol gidduutti Yihowaa duratti galameen+ kan kaʼe, mootichi Mefibosheet+ ilma Yonaataan ilma Saaʼolitti gara laafina ni argisiise.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi