-
2 Saamuʼel 4:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Yonaataan+ ilmi Saaʼol ilma miilli isaa naafa taʼe tokko qaba ture.+ Inni yommuu oduun Saaʼolii fi Yonaataan duʼuu isaanii ibsu Yezriʼelii+ dhufetti umuriin isaa waggaa shan ture; guddiftuun isaas isa fudhattee ni baqatte; garuu, utuu ishiin naasuudhaan baqachaa jirtuu inni kufee naafate. Maqaan isaa Mefibosheet+ jedhama ture.
-
-
2 Saamuʼel 9:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Ati, ilmaan kee fi tajaajiltoonni kee laficha isaaf ni qottu; oomisha isaas walitti ni qabdu; kunis namoota maatii ilma ilma gooftaa keetii taʼan hundumaatiif nyaata ni taʼa. Mefibosheet ilmi ilma gooftaa keetii garuu yeroo hundumaa maaddii koo irraa ni nyaata.”+
Ziibaan ilmaan 15 fi tajaajiltoota 20 qaba ture.+
-
-
2 Saamuʼel 19:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Mefibosheet+ ilmi ilma Saaʼolis mooticha simachuuf gad buʼe. Inni guyyaa mootichi deemee jalqabee hanga guyyaa inni nagaadhaan deebiʼee dhufeetti, miila isaa hin dhiqanne; areeda isaa hin haaddanne; uffata isaas hin miiccanne.
-