-
Leewwota 11:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Ilbiisonni baallee qabanii fi luka afuriin deeman kaan hundi isiniif jibbisiisoo dha. 24 Wantoonni kun isin xureessuu dandaʼu. Namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.+
-
-
Leewwota 15:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 “‘Sireen namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu sun irra ciise kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa; akkasumas wanti inni irra taaʼe kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa. 5 Namni siree isaa tuqu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa.+
-
-
Leewwota 15:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 “‘Dhiirri tokko sanyiin isaa yoo dhangalaʼe, guutummaa qaama isaa bishaaniin haa dhiqatu; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa.+
-
-
Lakkoofsa 19:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Namni dirree irratti nama goraadeedhaan ajjeefame yookiin reeffa yookiin lafee namaa yookiin iddoo awwaalchaa tuqe hundi guyyaa torbaaf xuraaʼaa ni taʼa.+
-