-
1 Saamuʼel 19:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Kanaafuu, Yonaataan abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawit wanta gaarii dubbate.+ Akkana isaan jedhe: “Mootichi tajaajilaa isaa Daawit irratti cubbuu hin hojjetin; sababiin isaas, inni si irratti cubbuu hin hojjenne; wanti inni siif godhes si fayyadeera.
-
-
1 Saamuʼel 20:32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Yonaataan garuu abbaa isaa Saaʼoliin, “Inni maaliif ajjeefama?+ Maal godhe?” jedhe.
-
-
1 Saamuʼel 24:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Ammas kunoo, yaa abbaa koo, fiixeen uffata keetii na harka akka jiru ilaali; fiixee uffata keetii yommuun kutu si ajjeesuu nan dandaʼan ture; ani garuu si hin ajjeesne. Ani si miidhuufis taʼe si irratti fincila kaasuuf akkan hin yaanne, kunoo amma ilaaluu fi hubachuu dandeessa; ati lubbuu koo balleessuuf na adamsaa+ kan jirtu taʼus, ani si irratti cubbuu hin hojjenne.+
-