LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 7:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Guyyaa Taabotichi gara Qiriyaat Yeʼariim itti dhufee jalqabee yeroo dheeraa, jechuunis walumaa galatti waggaa 20 ni taʼe; guutummaan mana Israaʼelis Yihowaa barbaaddachuu* jalqabe.+

  • 1 Mootota 8:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Yeroo sanatti Solomoon jaarsolii Israaʼel, dura buutota gosootaa hundumaa fi dura buutota abbootii manneen Israaʼel+ walitti ni qabe.+ Isaanis taabota kakuu Yihowaa Xiyoon+ ishii Magaalaa Daawit+ taate keessaa fiduuf Solomoon Mooticha isa Yerusaalemitti argamu bira dhufan.

  • 1 Seenaa Baraa 13:1-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Daawit ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa fi geggeessitoota hundumaa wajjin ni mariʼate.+ 2 Achiis Daawit guutummaa gumii Israaʼeliin akkana jedhe: “Gaarii taʼee yoo isinitti mulʼatee fi Waaqa keenya Yihowaa duratti fudhatama yoo argate, obboloonni keenya warri guutummaa naannoowwan Israaʼelitti hafan, akkasumas luboonnii fi Leewwonni magaalota+ isaanii warra iddoowwan dheedichaa qaban keessa jiran gara keenya dhufanii nutti akka makaman dhaamsa isaanitti haa erginu. 3 Taabota Waaqa keenyaas deebisnee haa fidnu.”+ Sababiin isaas, isaan bara Saaʼolitti kunuunsa isaaf hin goone.+ 4 Namoonni hundi kun sirrii fakkaatee waan isaanitti mulʼateef, guutummaan gumichaa kana gochuuf walii gale. 5 Kanaafuu, Daawit Taabota Waaqa dhugaa Qiriyaat Yeʼariimii fiduuf laga* Gibxiitii hamma Lebo Hamaatitti*+ Israaʼelota hunda walitti ni qabe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi