-
1 Saamuʼel 6:21-7:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Kanaafuu, isaan gara jiraattota Qiriyaat Yeʼariimitti+ ergamtoota erganii, “Filisxeemonni Taabota Yihowaa deebisaniiru. Gad buʼaatii fudhadhaa deebiʼaa” isaaniin jedhan.+
7 Kanaafuu, namoonni Qiriyaat Yeʼariim dhufanii Taabota Yihowaa gara mana Abinaadaab+ isa tabba irratti argamutti geessan; ilma isaa Eleʼazaariinis Taabota Yihowaa akka eeguuf ni qulqulleessan.
-
-
2 Saamuʼel 6:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Daawit ammas Israaʼel keessaa loltoota filatamoo taʼan hundumaa walitti ni qabe; lakkoofsi isaanis 30,000 ture. 2 Achiis Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan hundi, Taabota Waaqa dhugaa+ isa namoonni isa fuulduratti maqaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa+ isa kiruubelotaa olitti teessoo irra taaʼu+ sanaa itti waammatan achii fiduuf gara Baʼaala Yihudaa ni dhaqan.
-
-
1 Seenaa Baraa 15:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Achiis Daawit Taabota Yihowaa gara iddoo inni isaaf qopheessetti fiduuf guutummaa Israaʼeliin Yerusaalemitti walitti qabe.+
-