-
Iyyaasuu 18:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Daangaan sun kallattii dhihaatiin mallattoon itti godhamee, gaara isa karaa kibbaatiin fuullee Beet Hooronitti argamu irraa gara kallattii kibbaatti naannaʼee Qiriyaat Baʼaal, jechuunis Qiriyaat Yeʼariim+ ishii magaalaa Yihudaa taate biratti dhaabbata. Kun daangaa kallattii dhihaatiin argamu dha.
-
-
1 Seenaa Baraa 13:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaafuu, Daawit Taabota Waaqa dhugaa Qiriyaat Yeʼariimii fiduuf laga* Gibxiitii hamma Lebo Hamaatitti*+ Israaʼelota hunda walitti ni qabe.+
6 Daawitii fi guutummaan Israaʼel Taabota Yihowaa Waaqa dhugaa isa kiruubelotaa olitti* teessoo irra taaʼu sanaa,+ jechuunis Taabota isa namoonni maqaa isaa itti waammatan sana achii fiduuf, gara Baʼaalaa,+ gara Qiriyaat Yeʼariim ishii Yihudaa keessatti argamtuutti ol baʼan.
-