LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 25:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Anis achitti sitti nan mulʼadha; qadaadicha gubbaa irraas sii wajjin nan dubbadha.+ Kiruubelota lamaan warra taabota Dhugaa Baatuu sana irra jiran gidduudhaa ajajawwan Israaʼelotaaf dabarsitu hundumaa sin beeksisa.

  • Lakkoofsa 7:89
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 89 Museen Waaqayyoo* wajjin dubbachuuf yeroo gara dunkaana walgaʼiitti seenu+ hundumaatti, qadaada taabota Dhugaa Baatuu sana gubbaa irraa, jechuunis kiruubelota lamaan gidduudhaa+ sagalee isa isaa wajjin dubbatu ni dhagaʼa ture;+ Waaqayyos isaa wajjin ni dubbata ture.

  • 1 Saamuʼel 4:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Kanaafuu, uummatichi gara Shiilootti namoota ergan; isaanis taabota kakuu Yihowaa Gooftaa Raayyaa isa kiruubelotaa olitti* teessoo irra taaʼu+ sanaa achii ni fidan. Ilmaan Eelii lamaan Hofnii fi Finahaasis+ taabota kakuu Waaqa isa dhugaa wajjin achi turan.

  • 2 Saamuʼel 6:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Achiis Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan hundi, Taabota Waaqa dhugaa+ isa namoonni isa fuulduratti maqaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa+ isa kiruubelotaa olitti teessoo irra taaʼu+ sanaa itti waammatan achii fiduuf gara Baʼaala Yihudaa ni dhaqan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi