LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Seenaa Baraa 17:16-22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yeroo kanatti Daawit Mootichi ol seenee Yihowaa dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Yihowaa, ani eenyu? Wanta kana hundumaa kan naaf goote, manni koo maali dha?+ 17 Yaa Waaqayyo, akka waan wanti kun natti hanqatetti, ati waaʼee mana tajaajilaa keetii isa wanta gara fuulduraatti taʼus dubbatteetta;+ yaa Yihowaa, akka nama ulfina dabalataa argachuu qabuutti* na ilaalteetta. 18 Ati tajaajilaa kee akka gaariitti beekta; waaʼee ulfina ati naaf kennite kanaa ani tajaajilaan kee Daawit kana caalaa maal siin jechuun dandaʼa?+ 19 Yaa Yihowaa, ati tajaajilaa keetiif jettee, haala garaa* keetii wajjin wal simuun, guddaa taʼuu kee mulʼisuudhaan wantoota guguddaa kana hunda hojjetteetta.+ 20 Yaa Yihowaa, kan akka keetii tokko illee hin jiru;+ si malee Waaqni hin jiru;+ wanti gurra keenyaan dhageenye hundi kana mirkaneessa. 21 Lafa irratti sabni kan akka saba kee Israaʼel taʼe kan biraan isa kami?+ Waaqni dhugaan dhaqee saba isaa akka taʼaniif isaan fureera.+ Ati saboota kaan saba kee warra Gibxii jalaa furte duraa ariʼuudhaan,+ gochawwan guguddaa fi sodaachisaa taʼan raawwachuudhaan maqaa beekamaa taʼe qabaatteetta.+ 22 Ati saba kee Israaʼeliin bara baraaf saba ofii keetii godhatte;+ yaa Yihowaa, Waaqa isaaniis ni taate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi