-
2 Saamuʼel 7:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Yeroo kanatti Daawit Mootichi ol seenee Yihowaa dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ani eenyu? Wanta kana hundumaa kan naaf goote, manni koo maali dha?+ 19 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, akka waan wanti kun natti hanqatetti, ati waaʼee mana tajaajilaa keetii isa wanta gara fuulduraatti taʼus dubbatteetta; yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, kun ilmaan namootaa hundumaatiif qajeelfama* dha. 20 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati akka gaariitti na beekta; ani tajaajilaan kee Daawit kana caalaa maal siin jechuun dandaʼa?+
-