-
2 Saamuʼel 7:21-24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Dubbii keetiif jettee, haala garaa* keetii wajjin wal simuun, wantoota guguddaa kana hunda hojjetteetta; kanas tajaajilaa keetti mulʼisteetta.+ 22 Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati dhuguma iyyuu guddaa+ kan taate kanaafi. Kan akka keetii tokko illee hin jiru;+ si malee Waaqni hin jiru;+ wanti gurra keenyaan dhageenye hundi kana mirkaneessa. 23 Lafa irratti sabni kan akka saba kee Israaʼel taʼe kan biraan isa kami?+ Yaa Waaqayyo ati dhaqxee wantoota guguddaa fi sodaachisaa taʼan isaaniif gootee+ maqaa kee waamsifachuudhaan+ saba kee furteetta.+ Ati saba kee warra ofii keetiif Gibxii jalaa furteef jettee, sabootaa fi waaqolii isaanii ariiteetta. 24 Ati saba kee Israaʼeliin bara baraaf saba ofii keetii gootee ni hundeessite;+ yaa Yihowaa, Waaqa isaaniis ni taate.+
-