Uumama 29:32 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 32 Liyaan ulfooftee ilma ni deesse; ishiin, “Yihowaan dhiphina koo argeera;+ amma abbaan manaa koo na jaallata” jettee maqaa isaa Ruuben*+ jettee moggaaste. Baʼuu 3:7 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 7 Yihowaanis itti dabaluudhaan akkana jedhe: “Ani dhugumaan rakkina saba koo warra Gibxii keessa jiranii argeera; warra dirqamaan isaan hojjechiisaniin kan kaʼe iyya isaan dhageessisan dhagaʼeera; miidhaa isaan irra gaʼaa jirus akka gaariitti nan beeka.+ Faarfannaa 25:18 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 18 Dhiphina koo fi rakkina koo ilaali,+Cubbuu koo hundumaas naaf dhiisi.+
32 Liyaan ulfooftee ilma ni deesse; ishiin, “Yihowaan dhiphina koo argeera;+ amma abbaan manaa koo na jaallata” jettee maqaa isaa Ruuben*+ jettee moggaaste.
7 Yihowaanis itti dabaluudhaan akkana jedhe: “Ani dhugumaan rakkina saba koo warra Gibxii keessa jiranii argeera; warra dirqamaan isaan hojjechiisaniin kan kaʼe iyya isaan dhageessisan dhagaʼeera; miidhaa isaan irra gaʼaa jirus akka gaariitti nan beeka.+