-
1 Saamuʼel 17:50Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
50 Kanaafuu, Daawit furrisaa fi dhagaadhaan qofa Filisxeemicha moʼe; akka kanaan Daawit harka isaa irraa goraadee utuu hin qabaatin Filisxeemicha rukutee ajjeese.+
-
-
1 Saamuʼel 18:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Dubartoonni sirbaa turan sun,
“Saaʼol kumaatama ajjeese,
Daawit immoo kumaatama kudhan ajjeese” jedhu turan.+
-
-
1 Saamuʼel 19:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Yeroo booda ammas waraanni ni kaʼe; Daawitis baʼee Filisxeemota ni waraane; namoota isaanii hedduus ni fixe; isaanis isa duraa ni baqatan.
-
-
2 Saamuʼel 10:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Haa taʼu malee, warri Sooriyaa Israaʼel duraa ni baqatan; Daawitis warra Sooriyaa keessaa namoota gaarii fardaa oofan 700 fi abbootii fardeenii 40,000 ajjeese; Shoobaak isa ajajaa raayyaa waraanaa isaanii taʼes ni rukute; innis achumatti duʼe.+
-