-
1 Seenaa Baraa 21:8-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Achiis Daawit Waaqa dhugaatiin, “Ani kana gochuu kootiin cubbuu guddaa hojjedheera.+ Ammas, ani gowwummaa guddaa waanan raawwadheef,+ maaloo, dogoggora ani tajaajilaan kee raawwadhe naaf dhiisi”+ jedhe. 9 Achiis Yihowaan Gaad+ isa Daawitiif mulʼata argu sanaan akkana jedhe: 10 “Dhaqiitii Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ani filannoo sadii siif nan kenna. Isaan keessaa wantan si irratti fidu tokko filadhu.”’” 11 Kanaafuu, Gaad gara Daawititti seenee akkana isaan jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Kanneen kana keessaa isa tokko filadhu; 12 waggaa sadiif beelli+ haa dhufuu? Yookiin jiʼa sadiif goraadeen diinota keetii utuu si rukutuu diinota kee jalaa baqachuu siif wayya+ moo guyyaa sadiif goraadeen Yihowaa, jechuunis biyyattii irratti golfaan+ dhufee maleekaan Yihowaa guutummaa naannoo Israaʼelitti badiisa+ akka fidu filatta?’ Amma isa na erge sanaaf maal jedhee akkan deebisu itti yaadi.” 13 Kanaafuu Daawit Gaadiin, “Ani baayʼee dhiphadheera. Gara laafinni isaa baayʼee guddaa waan taʼeef,+ maaloo, harka Yihowaa irratti kufuu naaf wayya; garuu harka namaa irratti akkan kufu hin godhin”+ jedhe.
-