LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 24:10-14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Haa taʼu malee, Daawit uummaticha erga lakkaaʼee booda garaan* isaa isa ceephaʼe.+ Achiis Daawit Yihowaadhaan, “Ani kana gochuu kootiin cubbuu guddaa hojjedheera.+ Ammas yaa Yihowaa, ani gowwummaa guddaa waanan raawwadheef,+ maaloo, dogoggora ani tajaajilaan kee raawwadhe naaf dhiisi” jedhe.+ 11 Daawit ganama yommuu kaʼu, dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Gaad+ raajichaa isa Daawitiif mulʼata argu sanaa dhufe: 12 “Dhaqiitii Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ani filannoo sadii siif nan kenna. Isaan keessaa wantan si irratti fidu tokko filadhu.”’”+ 13 Kanaafuu, Gaad gara Daawititti seenee akkana isaan jedhe: “Biyya kee irratti waggaa torbaaf beelli haa dhufuu?+ Yookiin diinonni kee jiʼa sadiif utuu si ariʼanii isaan jalaa baqachuu siif wayyaa?+ Moo biyya kee irratti guyyaa sadiif golfaan dhufuu isaa filatta?+ Amma isa na erge sanaaf maal jedhee akkan deebisu of eeggannoodhaan itti yaadi.” 14 Kanaafuu Daawit Gaadiin, “Ani baayʼee dhiphadheera. Gara laafinni isaa guddaa waan taʼeef,+ maaloo, harka Yihowaa irratti kufuu nuuf wayya;+ garuu harka namaa irratti akkan kufu hin godhin”+ jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi