LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 16:46, 47
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 46 Achiis Museen Aaroniin, “Dheekkamsi Yihowaa biraa waan baʼeef, ati qodaa ibiddaa fudhadhu; iddoo aarsaa sana irraas ibidda fuudhiitii achi irra kaaʼi;+ ixaanas isa irra kaaʼi; achiis dafii gara yaaʼichaa dhaqiitii araara isaaniif argamsiisi.+ Dhaʼichi sun jalqabeera!” jedhe. 47 Aaronis akkuma Museen jedhe yeruma sana isa fudhatee gara gumicha walakkaatti fiige; yeroo kanatti dhaʼichi sun gumicha gidduutti jalqabee ture. Kanaafuu, inni ixaanicha qodaa ibiddaa irra kaaʼee sabichaaf araara argamsiisuu jalqabe.

  • Lakkoofsa 25:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Achiis namicha Israaʼel sana duukaa buʼee gara dunkaanichaatti seenuudhaan lamaan isaanii iyyuu ni waraane; namicha Israaʼel sana ni waraane; dubartittiis waraanee garaa* ishii keessa baase. Yeroo kanatti dhaʼichi Israaʼelota rukutaa ture sun ni dhaabbate.+

  • 2 Saamuʼel 24:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Achiis Yihowaan ganamaa jalqabee hamma yeroo murteeffame sanaatti Israaʼel irratti golfaa+ erge; kanaan kan kaʼes, warra Daanii jalqabee hanga Ber Sheebaatti+ jiran keessaa namoonni 70,000 ni duʼan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi