LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 4:11-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Kana malees Hiiraam miʼawwan daaraa, akaafaawwanii fi saaniiwwan golboo ni hojjete.+

      Kanaafuu, Hiiraam mana Waaqa dhugaa ilaalchisee hojiiwwan Solomoon Mootichaaf hojjetu ni xumure;+ 12 isaanis, utubaawwan lamaan,+ akkasumas gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan lamaan irra jiran, saaphanawwan+ lamaan warra gubbeewwan boca saanii golboo qabanii fi mataa utubaawwan sana irra jiran lamaan miidhagsuuf oolan, 13 romaanota+ 400 saaphanawwan lamaaniif tolfaman, jechuunis romaanota tokkoon tokkoon saaphanaa irratti tarree lamaan jiranii fi gubbeewwan boca saanii golboo qaban lamaan warra utubaawwan sana irra jiran miidhagsuuf hojjetaman,+ 14 gaariiwwan* kurnanii fi miʼawwan bishaanii kurnan warra gaariiwwan sana irra jiran,+ 15 Galaanichaa fi qotiyyoowwan 12 warra isa jala jiran,+ 16 akkasumas miʼawwan daaraa, akaafaawwan, shukkaawwanii+ fi miʼawwan isaanii hundumaa Hiiraam Abiiw+ mana Yihowaatiif akka oolaniif sibiila diimaa cululuqfame irraa Solomoon Mootichaaf ni hojjete. 17 Mootichi koonyaa Yordaanos keessatti Suukootii+ fi Zeredaa gidduutti miʼawwan suphee boca baasuuf oolanitti fayyadamee miʼawwan kun baqfamanii akka tolfaman godhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi