-
1 Seenaa Baraa 15:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Daawit, “Yihowaan Taabota Yihowaa akka baatanii fi yeroo hunda akka isa tajaajilan waan isaan filateef, Leewwotaan alatti eenyu iyyuu Taabota Waaqa dhugaa hin baatu”+ kan jedhe yeroo kanatti ture.
-
-
1 Seenaa Baraa 15:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Achiis akkuma Museen dubbii Yihowaatiin ajaja kennetti, Leewwonni Taabota Waaqa dhugaa sana danqaraadhaan gateettii isaanii irratti baatan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 5:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Jaarsoliin Israaʼel hundis ni dhufan; Leewwonnis Taaboticha ol fuudhanii baatan.+ 5 Isaanis Taaboticha, dunkaana walgaʼii+ fi miʼawwan qulqulluu dunkaanicha keessa jiran hundumaa ni fidan. Luboonnii fi Leewwonni* wantoota kana ni fidan. 6 Solomoon Mootichii fi guutummaan yaaʼii Israaʼel warri gara isaa akka dhufan waamaman Taabota sana dura jiru turan. Hoolonnii fi loon baayʼina isaaniitiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenye hedduunis aarsaa godhamanii dhihaatan.+
-