-
Baʼuu 25:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Taaboticha ittiin baachuuf akka taʼutti, danqaraawwan kana amartiiwwan Taaboticha cinaatti argaman keessa ni loosta.
-
-
Lakkoofsa 4:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Buufatichi bakka tokkoo gara bakka kan biraa dhaquuf kaʼuu isaa dura, Aaronii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu fi miʼawwan iddoo qulqulluu hundumaa uwwisanii xumuruu qabu.+ Achiis ilmaan Qehaat isaan baachuuf ni seenu;+ haa taʼu malee, iddoo qulqulluu sana tuquu hin qaban; yoo akkana godhan ni duʼu.+ Dunkaana walgaʼii wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaan* ilmaan Qehaat qaban kana dha.
-
-
1 Mootota 8:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Jaarsoliin Israaʼel hundis ni dhufan; luboonnis Taaboticha ol fuudhanii baatan.+ 4 Isaanis Taabota Yihowaa, dunkaana walgaʼii+ fi miʼawwan qulqulluu dunkaanicha keessa jiran hundumaa ni fidan. Luboonnii fi Leewwonni wantoota kana ni fidan. 5 Solomoon Mootichii fi guutummaan yaaʼii Israaʼel warri gara isaa akka dhufan waamaman Taabota sana dura jiru turan. Hoolonnii fi loon baayʼina isaaniitiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenye hedduunis aarsaa godhamanii dhihaatan.+
-
-
1 Seenaa Baraa 15:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Daawit, “Yihowaan Taabota Yihowaa akka baatanii fi yeroo hunda akka isa tajaajilan waan isaan filateef, Leewwotaan alatti eenyu iyyuu Taabota Waaqa dhugaa hin baatu”+ kan jedhe yeroo kanatti ture.
-
-
1 Seenaa Baraa 15:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Achiis akkuma Museen dubbii Yihowaatiin ajaja kennetti, Leewwonni Taabota Waaqa dhugaa sana danqaraadhaan gateettii isaanii irratti baatan.+
-