-
1 Mootota 6:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Achiis inni kiruubelota+ sana mana isa keessaa* keessa ni kaaʼe. Qoochoowwan kiruubelotaa kan diriiran waan taʼaniif, qoochoon kiruubel isa tokkoo girgiddaa isa tokko bira kan gaʼu yeroo taʼu, qoochoon kiruubel isa kan biraa immoo girgiddaa isa kan biraa bira ni gaʼa ture; qoochoowwan isaanii gara gidduu manichaatti waan diriiraniif qoochoowwan kun wal tuqu turan.
-
-
2 Seenaa Baraa 5:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Achiis luboonni taabota kakuu Yihowaa sana fidanii kutaa manichaa isa keessaa, jechuunis Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa qoochoowwan kiruubelotaa sana jala bakka isaaf qophaaʼe ni kaaʼan.+
-
-
Faarfannaa 80:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
80 Yaa Tiksee Israaʼel,
Ati inni akka hoolotaatti Yoseefiin geggeessitu,+ dhagaʼi.
-
-
Hisqiʼel 10:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Akkuma sagalee yommuu Waaqni Hundumaa Dandaʼu dubbatu dhagaʼamutti, sagaleen qoochoowwan kiruubelotaas mooraa isa alaa keessatti ni dhagaʼama ture.+
-