-
Baʼuu 25:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Kiruubelonni kun qoochoowwan isaanii lamaan ol diriirsanii qoochoowwan isaaniitiin qadaadicha ni haguugu;+ isaan walitti ni garagalu. Fuulli kiruubelota kanaa gara qadaadichaatti garagala.
-
-
2 Seenaa Baraa 5:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kanaafuu, qoochoowwan kiruubelotaa sun bakka Taabotichi taaʼu irratti diriiranii turan; kanaan kan kaʼes, kiruubelonni sun Taabotichaa fi danqaraawwan+ isaa gubbaadhaan golganii turan. 9 Danqaraawwan sun baayʼee dhedheeroo waan turaniif, Kutaa Qulqulluu kutaa isa keessaa fuuldura jiru keessa dhaabbatanii fiixeewwan isaanii arguun ni dandaʼama ture; alaan garuu arguun hin dandaʼamu ture. Isaanis hamma harʼaatti achitti ni argamu. 10 Gabateewwan dhagaa lamaan yommuu sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼanii+ fi Yihowaan isaanii wajjin kakuu galetti+ Museen Horeebitti achi keessa kaaʼeen+ alatti wanti kan biraan Taaboticha keessa hin jiru ture.
-