LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 6:3-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Achiis mootichi guutummaan gumii Israaʼel utuma dhaabbatee jiruu garagalee guutummaa gumii Israaʼel eebbisuu jalqabe.+ 4 Akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel haa jajamu; inni akkana jechuudhaan waadaa afaanuma isaatiin abbaa koo Daawitiif gale harkuma isaatiin raawwateera: 5 ‘Guyyaa ani saba koo Israaʼeliin Gibxiidhaa itti baasee jalqabee mana maqaan koo ittiin waamamu achitti ijaaruuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa magaalaa tokko illee hin filanne;+ saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuufis nama tokko illee hin filanne. 6 Haa taʼu malee, maqaan koo achitti ulfina akka argatuuf Yerusaalemiin filadheera;+ saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuufis Daawitiin filadheera.’+ 7 Abbaan koo Daawitis mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaaruun hawwii garaa isaa ture.+ 8 Yihowaan garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe: ‘Mana maqaa kootiif taʼu ijaaruun hawwii garaa keetii ture; garaa keetti kana hawwuun kee gaarii dha. 9 Haa taʼu malee, ati manicha hin ijaartu; kanaa mannaa mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru ilma kee isa si irraa dhalatu* dha.’+ 10 Yihowaan waadaa gale raawwateera; akkuma Yihowaan waadaa galettis+ ani bakka abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeera.+ Kana malees, ani mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaareera; 11 akkasumas, Taabota isa kakuu Yihowaan saba Israaʼelii wajjin gale qabate+ achi kaaʼeera.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi