LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 8:14-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Achiis mootichi guutummaan gumii Israaʼel utuma dhaabbatee jiruu garagalee guutummaa gumii Israaʼel eebbisuu jalqabe.+ 15 Akkana jedhe: “Yihowaan Waaqni Israaʼel haa jajamu; inni akkana jechuudhaan waadaa afaanuma isaatiin abbaa koo Daawitiif gale harkuma isaatiin raawwateera: 16 ‘Guyyaa ani saba koo Israaʼeliin Gibxiidhaa itti baasee jalqabee mana maqaan koo ittiin waamamu achitti ijaaruuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa magaalaa tokko illee hin filanne;+ haa taʼu malee, saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taʼuuf Daawitiin filadheera.’ 17 Abbaan koo Daawitis mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaaruun hawwii garaa isaa ture.+ 18 Yihowaan garuu abbaa koo Daawitiin akkana jedhe: ‘Mana maqaa kootiif taʼu ijaaruun hawwii garaa keetii ture; garaa keetti kana hawwuun kee gaarii dha. 19 Haa taʼu malee, ati manicha hin ijaartu; kanaa mannaa mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru ilma kee isa si irraa dhalatu* dha.’+ 20 Yihowaan waadaa gale raawwateera; akkuma Yihowaan waadaa galetti ani bakka abbaa koo Daawit buʼee teessoo Israaʼel irra taaʼeera. Kana malees, ani mana maqaa Yihowaa Waaqa Israaʼeliif taʼu ijaareera;+ 21 akkasumas ani bakka Taabonni inni kakuu Yihowaan yeroo abbootii keenya biyya Gibxiitii baasetti isaanii wajjin gale qabate+ keessa taaʼus qopheesseera.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi