LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 14:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Sababii kanaatiif, ani mana Yeroboʼaam irratti badiisa nan fida; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo dabalatee dhiira* kan Yeroboʼaam taʼe hunda nan balleessa;* akkuma namni tokko faandoo haxaaʼee balleessuttis mana Yeroboʼaam+ haxaaʼee nan balleessa!

  • 1 Mootota 15:25-29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti Naadaab+ ilmi Yeroboʼaam Israaʼel irratti mootii taʼe; inni Israaʼel irratti waggaa lamaaf ni bulche. 26 Wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaas itti fufe; akkasumas daandii abbaan isaa irra deemee+ fi cubbuu abbaan isaa Israaʼelonni akka hojjetan godhe irra ni deddeebiʼe.+ 27 Baʼaashaan ilmi Ahiyaa inni mana Yisaakor keessaa taʼe isa irratti ni mariʼate; Naadaabii fi guutummaan Israaʼel Gibetoonitti+ marsanii utuu jiraniis Baʼaashaan Gibetoon ishii magaalaa Filisxeemotaa taate keessatti isa ni ajjeese. 28 Kanaafuu, Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Baʼaashaan Naadaabiin ajjeesee bakka isaa mootii taʼe. 29 Innis akkuma mootii taʼeen maatii Yeroboʼaam hundumaa ni ajjeese. Wanta kan Yeroboʼaam taʼe keessaas hafuura kan baafatu tokko illee hin hambisne; inni akkuma Yihowaan karaa tajaajilaa isaa Ahiyaa Shiiloonichaa dubbatetti akka isaan guutummaatti balleeffaman ni godhe.+

  • 2 Mootota 17:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Namoonni Israaʼelis cubbuuwwan Yeroboʼaam hojjete hundumaa irra ni deddeebiʼan.+ Cubbuuwwan kana irraas hin gorre; 23 akkuma Yihowaan karaa tajaajiltoota isaa warra raajota isaa taʼan hundumaa dubbatettis, Israaʼeliin fuula isaa duraa hamma balleessutti akkana gochuu isaanii itti fufan.+ Kanaafuu, Israaʼelonni boojiʼamanii gara biyya Asooritti geeffaman;+ isaan hamma harʼaatti achumatti argamu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi