LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 32:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Isaan wanta waaqa hin taaneen aariidhaaf* na kakaasaniiru;+

      Waaqolii tolfamoo isaanii warra gatii hin qabneenis na dheekkamsiisaniiru.+

      Kanaafuu, ani wanta saba hin taaneen hinaaffaadhaaf isaan nan kakaasa;+

      Saba gowwaa taʼeenis isaan nan aarsa.+

  • 1 Saamuʼel 12:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Wantoota homaa of keessaa hin qabne* hordofuuf hin garagalinaa;+ isaan homaa of keessaa kan hin qabne* waan taʼaniif faayidaa hin qaban;+ isin oolchuus hin dandaʼan.

  • 2 Mootota 17:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Dambiiwwan isaa fi kakuu+ isaa isa inni abbootii isaanii wajjin gale, akkasumas yaadachiisawwan isaa warra inni isaan akeekkachiisuuf kenne ni tuffatan;+ saboota naannoo isaanii warra Yihowaan akka isaan hin fakkaanne isaan akeekkachiise hundumaa fakkaachuudhaan,+ waaqolii tolfamoo gatii hin qabne hordofan;+ isaanumti iyyuu warra gatii hin qabne taʼan.+

  • Isaayyaas 41:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Kunoo, hundi isaanii abjuu* dha.

      Hojiin isaaniis gatii hin qabu.

      Fakkiiwwan isaanii warri sibiila irraa tolfaman* bubbee fi wanta faayidaa hin qabne dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi