LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 16:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Ahaab utubaa waaqeffannaas* ni hojjete.+ Ahaab Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuuf mootota Israaʼel warra isa dura turan hunda caalaa wanta hamaa ni raawwate.

  • 1 Mootota 21:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Kanaafuu Ahaab, Naabot Yezriʼelichi, “Ani dhaala abbootii kootii siif hin kennu” waan isaan jedheef, nyaara guuree, akkasumas gaddee mana isaatti gale. Achiis fuula isaa gara girgiddaatti garagalchee siree isaa irra ciise; nyaatas ni lagate.

  • 1 Mootota 21:20-22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Ahaabis Eeliyaasiin, “Yaa diina koo, na argatte mitii?” jedhe.+ Innis deebisee akkana isaan jedhe: “Eeyyee, si argadheera. ‘Ati wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuuf kutattee waan kaateef,*+ 21 kunoo, ani badiisa si irratti nan fida; si duukaa buʼees haxaaʼee sin balleessa; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo+ dabalatee dhiira* kan Ahaab taʼe hunda nan balleessa.+ 22 Ati aarii koo waan kakaastee fi Israaʼelonni cubbuu akka hojjetan waan gooteef, ani mana kee akka mana Yeroboʼaam+ ilma Nebaatii fi akka mana Baʼaashaa+ ilma Ahiyaa nan godha.’

  • 2 Mootota 10:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Ahaab+ Samaariyaa keessatti ilmaan 70 qaba ture. Kanaafuu, Yehuun akkana jechuudhaan xalayaawwan barreessee gara bulchitoota Yezriʼelitti, gara jaarsolii+ fi gara guddiftoota ijoollee Ahaab* warra Samaariyaa keessa jiranitti erge:

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi