-
1 Mootota 15:25-29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti Naadaab+ ilmi Yeroboʼaam Israaʼel irratti mootii taʼe; inni Israaʼel irratti waggaa lamaaf ni bulche. 26 Wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaas itti fufe; akkasumas daandii abbaan isaa irra deemee+ fi cubbuu abbaan isaa Israaʼelonni akka hojjetan godhe irra ni deddeebiʼe.+ 27 Baʼaashaan ilmi Ahiyaa inni mana Yisaakor keessaa taʼe isa irratti ni mariʼate; Naadaabii fi guutummaan Israaʼel Gibetoonitti+ marsanii utuu jiraniis Baʼaashaan Gibetoon ishii magaalaa Filisxeemotaa taate keessatti isa ni ajjeese. 28 Kanaafuu, Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Baʼaashaan Naadaabiin ajjeesee bakka isaa mootii taʼe. 29 Innis akkuma mootii taʼeen maatii Yeroboʼaam hundumaa ni ajjeese. Wanta kan Yeroboʼaam taʼe keessaas hafuura kan baafatu tokko illee hin hambisne; inni akkuma Yihowaan karaa tajaajilaa isaa Ahiyaa Shiiloonichaa dubbatetti akka isaan guutummaatti balleeffaman ni godhe.+
-