-
Maatewos 10:41, 42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
41 Namni, raajii tokko raajii taʼuu isaatiin simatu kam iyyuu gatii raajii ni argata;+ namni nama qajeelaa tokko qajeelaa taʼuu isaatiin simatu kam iyyuus gatii nama qajeelaa ni argata. 42 Dhuguman isinitti hima, namni warra xixinnoo taʼan kana keessaa sababii inni barataa koo taʼeef bishaan qabbanaaʼaa kubbaayyaa tokko isaaf kennu kam iyyuu, matumaa gatii isaa hin dhabu.”+
-
-
Luqaas 4:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Fakkeenyaaf, ani dhuguman isiniin jedha, Bara Eeliyaasitti yeroo waggaa sadii fi jiʼa jaʼaaf samiin cufamee guutummaa biyyattiitti beelli guddaan buʼetti,+ dubartoonni abbootiin manaa irraa duʼan hedduun Israaʼel keessa jiru turan. 26 Eeliyaas garuu gara dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi Saraaptaa ishii biyya Siidoonitti+ argamtutti ergame malee, dubartoota sana keessaa gara ishii kamiitti iyyuu hin ergamne.
-