-
1 Mootota 17:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 “Kaʼi, gara Saraaptaa ishii Siidoon keessatti argamtuu dhaqiitii achi taaʼi. Kunoo, achitti dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko nyaata akka siif kennitu nan ajaja.”+ 10 Kanaafuu, inni kaʼee gara Saraaptaa deeme. Yommuu gara karra magaalattii dhufus, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe takka utuu qoraan funaannattuu arge. Kanaafuu, ishii waamee, “Maaloo, akkan dhuguuf bishaan xinnoo kubbaayyaatti naa fidi” ishiidhaan jedhe.+
-
-
1 Mootota 17:20-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Sana booda, “Yaa Waaqa koo Yihowaa,+ ati ilmi ishii akka duʼu gochuudhaan dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi ani bira taaʼu tana irrattis rakkina ni fiddaa?” jedhee gara Yihowaatti iyye. 21 Achiis siʼa sadii mucicha irratti diriiree, “Yaa Waaqa koo Yihowaa, maaloo, mucaan kun deebiʼee akka jiraatu* godhi” jedhee gara Yihowaatti iyye. 22 Yihowaanis kadhannaa Eeliyaas ni dhagaʼe;+ muchichis gara jireenyaatti deebiʼe; ni fayyes.+ 23 Eeliyaasis mucicha fuudhee kutaa baaxii irraa sana keessaa gara manaatti gad buusee haadha isaatiif isa kenne; achiis Eeliyaas, “Kunoo, ilmi kee fayyeera”+ ishiidhaan jedhe.
-
-
2 Mootota 4:13-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Achiis inni Gehaaziin akkana jedhe: “Maaloo akkana jedhii ishiitti himi: ‘Kunoo, ati nuuf jettee hamma kana dhamaateetta.+ Maarree, maaltu akka siif godhamu barbaadda?+ Bakka kee buʼee mootichatti yookiin ajajaa raayyaatti siif dubbadhuu?’”+ Ishiin garuu, “Ani saba koo gidduun jiraachaa jira” jettee deebiste. 14 Kanaafuu inni, “Maaltu ishiidhaaf haa godhamu ree?” jedhe. Yeroo kanatti Gehaaz, “Ishiin ilma hin qabdu;+ abbaan manaa ishiis dulloomeera” jedhe. 15 Innis yeruma sana, “Ishii waami” isaan jedhe. Innis ishii ni waame; ishiinis dhuftee balbala irra dhaabbatte. 16 Eelsaaʼis, “Waggaa dhufu yeroo kanatti ilma ni hammatta” ishiidhaan jedhe.+ Ishiin garuu, “Lakki, yaa gooftaa koo, yaa nama Waaqa dhugaa, ana tajaajiltuu teetti soba hin dubbatin” isaan jette.
17 Taʼus dubartittiin ni ulfoofte; akkuma Eelsaaʼi ishiitti himettis waggaa itti aanu yeroo sanatti ilma ni deesse.
-