LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 32:39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 Amma ani isa taʼuu koo hubadhaa,+

      Ana malee waaqoliin kan biroon hin jiran.+

      Ani nan ajjeesa, nan jiraachisas.+

      Ani nan madeessa,+ nan fayyisas;+

      Harka koo keessaa oolchuu kan dandaʼu tokko illee hin jiru.+

  • 1 Saamuʼel 2:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Yihowaan ni ajjeesa, ni jiraachisas;*

      Gara Awwaalaatti* gad ni buusa, achi keessaas ol ni baasa.+

  • 2 Mootota 4:32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 32 Eelsaaʼi yommuu manatti seenu, mucichi duʼee siree isaa irra ciisee ture.+

  • 2 Mootota 4:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Achiis siree sana irra baʼee mucicha irra ciise; afaan isaa afaan mucichaatti, ija isaa ija mucichaatti, barruu isaas barruu mucichaatti qadaadee isa irratti gad jedhe; sana booda qaamni mucichaa hoʼuu jalqabe.+

  • 2 Mootota 13:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Namoonni muraasni utuu nama tokko awwaalaa jiranii tuutawwan weerartootaa sana argan; kanaafuu, isaan dafanii namicha iddoo awwaalchaa Eelsaaʼi keessatti gatanii baqatan. Namichis yommuu lafeewwan Eelsaaʼii tuqu gara jireenyaatti ni deebiʼe;+ kaʼees miila isaatiin ni dhaabbate.

  • Luqaas 7:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Inni duʼe sunis ol jedhee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis haadha isaatiif isa kenne.+

  • Luqaas 8:54, 55
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 54 Inni garuu harka ishii qabee, “Intaloo, kaʼi!”+ ishiidhaan jedhe. 55 Achiis hafuurri* ishii+ itti deebiʼe, yeruma sanas ol kaate;+ Yesuusis wanta nyaattu akka ishiidhaaf kennan ajaje.

  • Yohaannis 5:28, 29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Kana hin dinqisiifatinaa; sababiin isaas, saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa;+ 29 warri wanta gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri wanta hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif awwaala keessaa ni baʼu.+

  • Yohaannis 11:44
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 44 Namichi duʼe sunis miilli isaa fi harki isaa akka kafanametti gad baʼe; fuulli isaas huccuudhaan maramee ture. Yesuusis, “Irraa hiikaa, haa deemu” isaaniin jedhe.

  • Hojii Ergamootaa 9:40, 41
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 40 Yeroo kanatti Pheexiros hunda isaanii gad baasee+ jilbeenfatee kadhate. Achiis gara reeffichaatti garagalee, “Xaabiitaa, kaʼi!” jedhe. Ishiinis ija ishii banatte; yommuu Pheexirosiin argitus kaatee teesse.+ 41 Innis harka isaa diriirsee qabee ol ishii kaase; achiis qulqullootaa fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan sana waamee fayyaa taʼuu ishii isaanitti argisiise.+

  • Hojii Ergamootaa 20:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yeroo kanatti dargaggeessi Awuxikos jedhamu tokko foddaa irra taaʼee muga ture; yommuu Phaawulos dubbii isaa itti fufu hirribni cimaan waan isa qabateef fooqii sadaffaa irraa kufe; yommuu ol isa kaasanis duʼee ture. 10 Phaawulos garuu gad buʼee isa irra ciisee isa hammatee,+ “Wacuu keessan dhiisaa, inni fayyaa dha”*+ jedhe.

  • Roomaa 14:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Kiristoos sababii kanaaf, jechuunis warra duʼan irrattis taʼe warra jiran irratti Gooftaa taʼuu akka dandaʼuuf duʼeera, deebiʼees jiraateera.+

  • Ibroota 11:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Abrahaam yeroo qorametti,+ amantiidhaan Yisihaaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf jedhee ture; namni waadaawwan sana gammachuudhaan fudhate kun, ilma isaa isa tokkicha aarsaa godhee dhiheessuuf yaalii godhe;+

  • Ibroota 11:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Haa taʼu malee, inni Waaqayyo duʼaa isa kaasuu illee akka dandaʼu yaadee ture; akka fakkeenyaatti ilma isaa duʼa jalaa deebisee argateera.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi