-
Hojii Ergamootaa 9:39, 40Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
39 Pheexirosis kaʼee isaanii wajjin deeme. Yommuu achi gaʼus, gara kutaa fooqii irra jiru sanaatti isa geessan; dubartoonni abbootiin manaa irraa duʼan hundis isatti dhihaatanii booʼaa uffata hedduu Dorqaan yommuu isaanii wajjin turtetti hojjette isatti argisiisu turan. 40 Yeroo kanatti Pheexiros hunda isaanii gad baasee+ jilbeenfatee kadhate. Achiis gara reeffichaatti garagalee, “Xaabiitaa, kaʼi!” jedhe. Ishiinis ija ishii banatte; yommuu Pheexirosiin argitus kaatee teesse.+
-