-
2 Mootota 2:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Ilmaan raajotaa Yerikoo jiran halaalatti yommuu isa arganis, “Hafuurri Eeliyaas, Eelsaaʼi irra buʼeera”+ jedhan. Kanaafuu, isaan isa argachuuf ni deeman; isa duratti kufaniis ni sagadan. 16 Achiis, “Namoonni 50ni gaʼumsa qaban tajaajiltoota kee wajjin as jiru. Maaloo, isaan dhaqanii gooftaa kee haa barbaadan. Tarii hafuurri* Yihowaa ol isa fuudhee gaarota keessaa isa tokko irratti yookiin sululawwan keessaa isa tokko keessatti isa darbatee taʼuu dandaʼa”+ isaan jedhan. Inni garuu, “Isaan hin erginaa” jedhe.
-
-
Hojii Ergamootaa 8:39Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
39 Yommuu bishaan keessaa baʼanis hafuurri Yihowaa* yeruma sana Filiphoosiin fuudhee deeme; sana booda xuʼaashichi isa hin argine; taʼus gammadaa karaa isaa irra buʼee deeme.
-