LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 11:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Kanaafuu, Museen gad baʼee wanta Yihowaan dubbate sabichatti hime. Achiis jaarsolii sabichaa gidduudhaa namoota 70 walitti qabee naannoo dunkaanichaa isaan dhaabbachiise.+ 25 Yihowaanis duumessicha keessaan gad buʼee+ isatti dubbate;+ sana booda hafuura isa irra ture sana irraa muraasa isaa fuudhee+ tokkoon tokkoon jaarsolii 70 sana irra kaaʼe. Hafuurichi akkuma isaan irra buʼeen isaan akka raajotaa taʼuu* jalqaban;+ sana booda garuu akkana hin taane.

  • Lakkoofsa 27:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Kanaafuu, Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Iyyaasuu ilma Nuun isa hafuurri irra jiru sana fuudhiitii harka kee isa irra kaaʼi.+

  • Lakkoofsa 27:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Guutummaan yaaʼii Israaʼel akka isa dhagaʼuuf,+ aangoo* kee irraa muraasa isaaf kenni.+

  • 2 Mootota 2:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Akkuma gamatti ceʼaniinis Eeliyaas Eelsaaʼiin, “Ani si irraa fudhatamuu koo dura, wanta akkan siif godhu barbaaddu na gaafadhu” jedhe. Kanaafuu Eelsaaʼi, “Maaloo, hafuura+ kee irraa dachaan lama* naaf haa kennamu”+ jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi