2 “Yaa ilma namaa, raajota Israaʼel irratti raajii dubbadhu;+ warra ofiin raajii uumanii dubbataniinis+ akkana jedhi: ‘Dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 3 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Raajota gowwaa warra utuu homaa hin argin yaada ofii isaanii duukaa buʼaniif wayyoo!+