Ermiyaas 14:14 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 14 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Raajonni maqaa kootiin raajii sobaa dubbachaa jiru.+ Ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne yookiin isaanitti hin dubbanne.+ Raajiin isinitti dubbachaa jiran mulʼata sobaa, hooda gatii hin qabnee fi gowwoomsaa garaa isaanii keessaa maddu dha.+ Ermiyaas 23:16 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 16 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Dubbii raajota warra raajii isinitti dubbatan sanaa hin dhagaʼinaa.+ Isaan isin gowwoomsaa* jiru. Mulʼanni isaan dubbatan, garaa isaanii keessaa kan madde dha malee,+Afaan Yihowaa keessaa kan baʼe miti.+
14 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Raajonni maqaa kootiin raajii sobaa dubbachaa jiru.+ Ani isaan hin ergine yookiin isaan hin ajajne yookiin isaanitti hin dubbanne.+ Raajiin isinitti dubbachaa jiran mulʼata sobaa, hooda gatii hin qabnee fi gowwoomsaa garaa isaanii keessaa maddu dha.+
16 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Dubbii raajota warra raajii isinitti dubbatan sanaa hin dhagaʼinaa.+ Isaan isin gowwoomsaa* jiru. Mulʼanni isaan dubbatan, garaa isaanii keessaa kan madde dha malee,+Afaan Yihowaa keessaa kan baʼe miti.+