-
1 Mootota 21:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 “Kaʼiitii Ahaab mootii Israaʼel isa Samaariyaa+ keessatti bulchaa jiru argachuuf gad buʼi. Inni maasii wayinii Naabot fudhachuuf dhaqee maasicha keessa jira. 19 Akkana jedhiitii isatti himi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Ati nama ajjeestee+ qabeenya isaa fudhatte+ mitii?”’ Achiis akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan akkana jedha: “Saroonni bakkuma dhiiga Naabot arraabanitti dhiiga kees ni arraabu.”’”+
-