-
2 Mootota 4:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Achiis, ilmaan kee wajjin manatti seeniitii balbala cufadhu. Miʼawwan sana hundatti guuti; achiis warra guutuu taʼan kophaatti kaaʼi.”
-
-
2 Mootota 4:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Kanaafuu, ishiin ol seentee namicha Waaqa dhugaa sanatti himte; innis, “Dhaqi, zayiticha gurguriitii liqii kee kaffali; achiis atii fi ilmaan kee isa hafeen jiraachuu dandeessu” ishiidhaan jedhe.
-
-
2 Mootota 6:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Isaan keessaa inni tokko utuma muka muraa jiruu, sibiilli qottoo bishaan keessa jalaa buʼe; innis, “Wayyoo, yaa gooftaa koo, miʼa ergisaa ti” jedhee iyye. 6 Namichi Waaqa dhugaa sunis, “Eessatti kufe?” isaan jedhe. Kanaafuu, inni iddoo isaa isatti argisiise. Innis muka tokko muree achitti darbatee sibiilli qottoo sun bishaanicha keessaa ol baʼee akka bololiʼu godhe. 7 Achiis, “Kaasii fudhadhu” isaan jedhe. Kanaafuu, inni harka isaa hiixatee fudhate.
-