LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 15:23-25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Achiis isaan Maaraa* gaʼan;+ taʼus, bishaanichi hadhaaʼaa waan tureef bishaan Maaraa irraa dhuguu hin dandeenye. Inni maqaa isaa Maaraa jedhee kan moggaase kanaafi. 24 Kanaafuu sabichi, “Maal dhugna?” jedhee Musee irratti gungumuu jalqabe.+ 25 Museenis gara Yihowaatti iyye;+ Yihowaanis muka xinnoo tokko isatti argisiise. Yommuu mukicha gara bishaanichaatti darbatus, bishaanichi miʼaawaa taʼe.

      Inni achitti dambii fi wanta murtiidhaaf buʼuura taʼu isaaniif ni hundeesse; akkasumas achitti isaan ni qore.+

  • 2 Mootota 4:38-41
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Eelsaaʼis yommuu gara Gilgaalitti deebiʼu biyyattii keessa beelli jira ture.+ Ilmaan raajotaas+ isa dura taaʼu turan; innis tajaajilaa+ isaatiin, “Distii guddaa ibidda irra kaaʼiitii ilmaan raajotaatiif ittoo tolchi” jedhe. 39 Kanaafuu, isaan keessaa namni tokko baala funaanuuf gara dirreetti baʼe; achiis hidda bosonaa tokko argatee isa irraa buqqee hadhooftuu bosonaa funaanee uffata isaatti guuttate. Innis achii deebiʼee maalummaa isaa utuu hin beekin mummuree distii sanatti naqe. 40 Boodas isaan namoonni sun akka nyaataniif isaaniif dhiheessan; taʼus isaan ittoo sana irraa akkuma nyaataniin, “Yaa nama Waaqa dhugaa, distii kana keessa duʼatu jira” jedhanii iyyan. Isa nyaachuus hin dandeenye. 41 Yeroo kanatti inni, “Daakuu xinnoo naa fidaa” jedhe. Daakuu sana disticha keessatti erga naqee booda, “Namootaaf dhiheessaa” jedhe. Sana booda wanti nama miidhu disticha keessatti hin argamne.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi