-
Baʼuu 15:23-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Achiis isaan Maaraa* gaʼan;+ taʼus, bishaanichi hadhaaʼaa waan tureef bishaan Maaraa irraa dhuguu hin dandeenye. Inni maqaa isaa Maaraa jedhee kan moggaase kanaafi. 24 Kanaafuu sabichi, “Maal dhugna?” jedhee Musee irratti gungumuu jalqabe.+ 25 Museenis gara Yihowaatti iyye;+ Yihowaanis muka xinnoo tokko isatti argisiise. Yommuu mukicha gara bishaanichaatti darbatus, bishaanichi miʼaawaa taʼe.
Inni achitti dambii fi wanta murtiidhaaf buʼuura taʼu isaaniif ni hundeesse; akkasumas achitti isaan ni qore.+
-
-
2 Mootota 2:19-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Yeroo booda namoonni magaalattii Eelsaaʼiin, “Akkuma gooftaan keenya ilaaluu dandaʼutti, magaalattiin bakka gaarii irratti argamti;+ garuu bishaan ishii gaarii miti; lafichis maseena dha”* jedhan. 20 Yeroo kanatti inni, “Saanii golboo haaraa xinnoo tokkotti soogidda naqaatii naa fidaa” jedhe. Isaanis isaaf ni fidan. 21 Achiis gara burqaa bishaanichaa deemee soogiddicha itti naqee,+ “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani bishaan kana fayyiseera. Kana booda duʼa yookiin maseenummaa hin fidu’”* jedhe.
-