-
2 Seenaa Baraa 21:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Achiis Yihowaan Filisxeemotaa*+ fi Araboota+ warra namoota Itoophiyaatti dhihoo jiran Yooraam irratti ni kakaase.+ 17 Kanaafuu, isaan Yihudaa ni weeraran; cabsanii seenuudhaanis qabeenya mana mootichaa keessatti argame hundumaa,+ akkasumas ilmaan isaa fi haadhotii manaa isaa ni fudhatan; kan isaaf hafe ilma isaa isa quxisuu kan taʼe Yehoʼahaaz*+ qofa ture.
-
-
2 Seenaa Baraa 22:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Tuutni weerartootaa Arabootaa wajjin gara buufatichaa dhufan ilmaan isaa warra angafoota taʼan hundumaa waan ajjeesaniif, jiraattonni Yerusaalem ilma isaa isa quxisuu kan taʼe Akaaziyaa bakka isaa mootii godhan.+ Kanaafuu, Akaaziyaan ilmi Yooraam mootii Yihudaa taʼee bulchuu jalqabe.+ 2 Akaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokkoof ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa+ yeroo taʼu, ishiin intala ilma* Omrii+ turte.
-