-
2 Mootota 8:24-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Achiis Yooraam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit keessattis abbootii isaa wajjin ni awwaalame.+ Akaaziyaan+ ilmi isaas bakka isaa mootii taʼe.
25 Yooraam ilmi Ahaab mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa 12ffaa isaatti, ilma Yooraam mootii Yihudaa kan taʼe Akaaziyaan mootii ni taʼe.+ 26 Akaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 22 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa tokkoof ni bulche. Maqaan haadha isaa Ataaliyaa+ yeroo taʼu, ishiin intala ilma Omrii*+ isa mootii Israaʼel taʼe sanaa turte.
-