LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 14:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Yeroo kanatti Museen harka isaa galaanicha irratti ni diriirse;+ Yihowaanis bubbeen bahaa cimaa taʼe halkan guutuu akka bubbisu gochuudhaan galaanicha duubatti deebise; lafti galaanichaas gogaa ni taʼe;+ galaanichis gargar hirame.+ 22 Kanaafuu, bishaanichi karaa mirgaa fi karaa bitaa isaanii akka girgiddaa taʼee utuma dhaabbatee jiruu,+ Israaʼelonni galaanicha gidduu lafa gogaa irra ni ceʼan.+

  • Iyyaasuu 3:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Yeroo luboonni warri taabota kakuu Yihowaa baatan hamma guutummaan sabichaa Yordaanosiin ceʼutti laga Yordaanos walakkaa lafa gogaa irra dhaabbatanii+ turanitti, Israaʼelonni hundi lafa gogaa+ irra ni ceʼan.

  • 2 Mootota 2:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Sana booda uffata+ Eeliyaas irraa buʼe sana kaasee deebiʼee Yordaanos qarqara dhaabbate. 14 Achiis uffata Eeliyaas irraa buʼe sana fuudhee bishaanicha rukutuudhaan, “Yihowaan Waaqni Eeliyaas eessa jira?” jedhe. Yommuu inni bishaanicha rukutus bishaanichi bitaa fi mirgatti hirame; Eelsaaʼis ni ceʼe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi