-
2 Mootota 8:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Kanaafuu, Yooraam Mootichi yommuu Hazaaʼel mootii Sooriyaa wajjin wal waraanaa turetti madaa warri Sooriyaa Raamaatti isa madeessan irraa bayyanachuuf gara Yezriʼelitti+ deebiʼe.+ Akaaziyaan ilmi Yooraam inni mootii Yihudaa taʼe, Yooraam ilmi Ahaab madaaʼee* waan tureef, isa ilaaluuf gara Yezriʼelitti gad buʼe.
-
-
2 Mootota 9:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Akaaziyaan+ mootiin Yihudaa wanta raawwatamaa jiru yommuu argu, karaa mana biqiltuu baʼee baqate. (Boodas Yehuun isa duukaa buʼee, “Isas ajjeesaa!” jedhe. Kanaafuu, isaan utuu inni karaa gara Guur ishii Yibleʼaam+ biratti argamtutti geessuun ol baʼaa jiruu gaarii fardaa keessatti isa madeessan. Inni garuu gara Megidootti baqatee achitti duʼe.
-