-
Leewwota 26:38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Isin saboota gidduutti ni dhumtu;+ biyyi diinota keessaniis isin nyaatti.
-
-
2 Mootota 17:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Namoonni Israaʼelis cubbuuwwan Yeroboʼaam hojjete hundumaa irra ni deddeebiʼan.+ Cubbuuwwan kana irraas hin gorre; 23 akkuma Yihowaan karaa tajaajiltoota isaa warra raajota isaa taʼan hundumaa dubbatettis, Israaʼeliin fuula isaa duraa hamma balleessutti akkana gochuu isaanii itti fufan.+ Kanaafuu, Israaʼelonni boojiʼamanii gara biyya Asooritti geeffaman;+ isaan hamma harʼaatti achumatti argamu.
-
-
Isaayyaas 8:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 sababiin isaas, mucichi, ‘Aabbaa! Harmee!’ jedhee waamuu baruu isaa dura qabeenyi Damaasqoo fi boojuun Samaariyaa mootii Asoor duratti ni fudhatama.”+
-