23 Innis, “Waaqoliin mootota Sooriyaa isaan gargaaraa waan jiraniif, anaanis akka gargaaraniif ani aarsaa isaaniif nan dhiheessa”+ jechuudhaan waaqolii Damaasqoo warra isa injifatanii+ turaniif aarsaa dhiheessuu jalqabe.+ Isaan garuu, innis taʼe guutummaan Israaʼel akka gufatu godhan.