-
1 Mootota 12:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Inni iddoowwan ol kaʼoo irrattis manneen waaqeffannaa hojjetee, namoota sana keessaa warra Leewwota hin taane luboota godhee muude.+ 32 Kana malees, Yeroboʼaam jiʼa saddeettaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa 15ffaatti ayyaana isa ayyaana Yihudaa keessatti ayyaaneffatamuu wajjin wal fakkaatu tokko ni hundeesse.+ Iddoo aarsaa Beetelitti+ hojjete irratti jabbilee tolche sanaaf aarsaa ni dhiheesse; akkasumas Beetelitti iddoowwan ol kaʼoo hojjete sanaaf luboota ni ramade.
-
-
1 Mootota 13:33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Kun erga taʼee booda illee, Yeroboʼaam daandii isaa isa hamaa irraa hin deebine; kanaa mannaa, uummaticha keessaa iddoowwan ol kaʼoodhaaf luboota muuduu isaa itti fufe.+ Akkasumas, “Inni luboota iddoowwan ol kaʼoo keessaa tokko haa taʼu” jechuudhaan, nama luba taʼuu barbaadu kam iyyuu luba godhee ni muuda* ture.+
-