LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 3:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Ati Aaronii fi ilmaan isaa ni muudda; isaanis itti gaafatamummaa luboota taʼuudhaan qaban ni raawwatu;+ namni isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu achitti yoo dhihaate haa ajjeefamu.”+

  • 1 Mootota 13:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Kun erga taʼee booda illee, Yeroboʼaam daandii isaa isa hamaa irraa hin deebine; kanaa mannaa, uummaticha keessaa iddoowwan ol kaʼoodhaaf luboota muuduu isaa itti fufe.+ Akkasumas, “Inni luboota iddoowwan ol kaʼoo keessaa tokko haa taʼu” jechuudhaan, nama luba taʼuu barbaadu kam iyyuu luba godhee ni muuda* ture.+

  • 2 Seenaa Baraa 11:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yeroboʼaamii fi ilmaan isaa Yihowaadhaaf luboota taʼanii akka hin tajaajille isaan ariʼanii waan turaniif,+ Leewwonni iddoo dheedichaa isaanii fi qabeenya isaanii+ dhiisanii gara Yihudaa fi gara Yerusaalem ni dhufan.

  • 2 Seenaa Baraa 13:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Isin luboota Yihowaa warra sanyii Aaron taʼanii fi Leewwota ariitanii+ akkuma namoota biyyoota kaaniitti luboota ofii keessanii hin muudnee?+ Namni jibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa torba fidee dhufe* kam iyyuu wantoota waaqolii hin taaneef luba taʼuu ni dandaʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi